Hundeeffama Kabajamoo Doktar Artist Alii Biiraa Faawundeeshiniin Hoteela Addis Ababa Sky Light jedhamutti ifooma jira.

Kaayyoon bu’uura kana hundeessuuf hojiiwwan aartiistichi osoo lubbuun jiruu jalqabe itti fufsiisuun dhaloota dhufuuf dabarsuu akka ta’e himama.

Keessattuu, xiyyeeffannaan guddaan kaayyoowwan artistii Alii Biraa damee barnootaa fi hawaasummaan osoo lubbuun jiruu jalqabe galmaan gahuu akka ta’e sirnicha irratti ibsameera.

Sagantaa hundeeffamni Faawundeeshinii Kabajaa Dr. Artist Alii Biraa itti labsame keessatti haadha warraa aartiistichaa Aadde Iliilii Biraa, Obbo Kedir Juhar kantiibaa bulchiinsa Dredawaa Obbo Ibraahim Yuusuf itti gaafatamaa Badhaadhinaa Porti Dredawa waajjira, hoggantoota naannoo, ministeerota, qondaaltota federaalaa fi bulchiinsaa dabalatee Hoggantoonni, hooggantoonni fi jaarsoliin, weellisoonni bebbeekamoo fi hiriyoonni aartiistii akkasumas keessummoonni affeeraman argamaniiru.

Loading

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *