Biyya Biqiltuu dhaabdu Dhaloota Nama Nama boonsu Mata duree jedhuun Sagantaan jalqabsiisa ashaaraa magariisaa bara 2016 gaggeeyfame

Biyya Biqiltuu dhaabdu Dhaloota Nama Nama boonsu Mata duree jedhuun Sagantaan jalqabsiisa ashaaraa magariisaa bara 2016 gaggeeyfame.

Mootummaan Diinagdee Ashaaraa magariisaa jijjiirama haala qilleensaa hir’isuu danda’u lafa qabsiisuuf hojjechaa jiraachuu Itti Gaafatamaan Biiroo Qonna Bishaan Albudaa fi Inarjii bulchinsa Dirree Dhawaa Obbo Nuraddiin Abdallaa baninsa sagantichaarratti ibsan.

Sagantaalee walfakkaataa akkanaatiin yeroo dabretti biqiltuuleen miliyoona 5.7 ol dhaabbamee turuu ibsan.

Sagantaa dhaabbii biqiltuu bara kanaatiin buufataalee biqiltuu 20 keeysatti biqiltuuleen nyaataaf Oolan miliyoona 3 caalaan unkuramanii turuu fi hirmaannaa hawaasaatiin lafa hektaara 1200 rratti dhaabuuf sochiin eegalamuun ibsame.

Sagantaa ashaaraa magariisaa bara 2011 ministeera muummee Dr. Abiy Ahammadiin eegalameen hanga ammaatti biqiltuuleen bliyoona 32.5 ol dhaabbamanii jiraachuu fi bara kanattiis biqiltuu biliyoona 7.5 dhaabuuf karoorfamee jirachuu kantiibaan bulchinsa Dirree Dhawaa kadiir Juhar saganticharratt ibsan.

Bulchinsi Dirree Dhawaa bara dabre yeroo kanattii biqiltuulee kuma 200 ol jibuutiif kan gumaache yoo tahu bara kanaas kan itti fufu tahuu ibsan.

Saganticharratti Itti Gaafatamaa waajjira paartii badhaadhinaa damee Dirree Dhawaa obbo ibraahim Yuusuf dabalatee, miseensonni kaabinee fi qooda fudhattoonni hirmaatanii jiran.

#DIREPROSPERITY

Loading

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *